Manneen barnootaa keessatti kalaqa jajjabeessuuf walii galteen mallattaa’e.

OBN Ebla 02,2015- Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa keessatti kalaqa jajjabeessuuf Biiroo Carraa hojii uumuufi Oogummaa Oromiyaa, Abbaa Taayitaa Saayinsiif Teknooloojii Oromiyaa fi Waldaa Interpireenaroota Shaggar waliin sanada walii galtee hojii mallatteesse.

Walii galtee kanaanis manneen barnootaa keessatti kalaqa hojjetamaniif sirna deeggarsaa fi hordoffii diriirsuun rakkoo gama kanaan jiru hiikuufi jedhame.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo Aadaa wal dorgommii kalaqaa manneen Barnootaa cimsuun mul’ata biyyattiin ce’umsa teknooloojiif qabatte dhugoomsuuf martuu hojii kanaaf tumsuu qabna jedhan.

Hoogganaan Biiroo Carraa hojii uumuufi Oogummaa Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa gamasaaniin Kalaqaa ce’umsa teknooloojiif galtee ta’an adda baasuun qindoominaan irratti hojjenna jedhan.